Mirga kee beeki, dubbadhu (Know your rights, have your say) – Afaan Oromoo (Oromo)

Falmaan Bilisaa Fayyaa Mataa (IMHA) mirga kee akka beektuu fi akka dubbattuuf sigargaara.

Falmaan Bilisaa Fayyaa Mataa (IMHA) mirga kee akka beektuu fi akka dubbattuuf si gargaara. IMHA tajaajila falmaa bilisaa fi hiccitiin isaa eegame namoota inni gargaarus:

  • Namoota wallaansa dirqamaan (compulsory treatment) fudahtaa jiran.
  • Ykn namoota wallaansa dirqamaa fudhataa jiran irraa yaaddoo qaban.

IMHA tajaajila Gargaarsa Seeraa Victoria (Victoria Legal Aid) irraa kennamuu dha garuu tajaajila kan dhimma seeraa miti. IMHA Tajaajila fayyaa mataa bilisa tahee dha.

Si qunnamna

Ful-baana (September) 1 bara 2023 irraa qabee (Seer-labsiin Fayyaa fi Nagahooma Mataa 2022 (Vic) (Mental Health and Wellbeing Act 2022 (Vic)) kan jedhu yeroo ati wallaansa dirqamaa fudhattu wanneen furtuu tahan irratti ni beeksifna. Galmee (document) kana keessaa waa’ee isaa caalaatti baruuf ‘IMHA yoom beeksifama?’ (‘When will IMHA be notified?’) kan jedhu ilaali.

Yoo ati akka hin barbaadne nutti himte malee nuti si qunnamna. Yeroo si qunnamnu, maal akka godhnu waan sitti himnuuf yoo tajaajila keenya ni barbaadda tahe murteessatuu dandeessa.

Akka nuti si hin qunnamne akka itti nutti himtu bari.

Nu qunnamuu dandeessa

Yoo amma wallaansa dirqamaa (compulsory treatment) fudhataa hin jirtu tahee garuu wallaansa dirqamaa fudhatuuf yaaddoo qabaatte amma illee tajaajila IMHA argatuu dandeessa. Waan quba nu hin qabaachisneef kallattiin nu qunnamuu si barbaachisa. 1300 947 820, irratti nutti bilbiluu, ykn email kara contact@imha.vic.gov.au nutti erguu dandeessa. Akka itti nu qunnamtu bari. Akkasumas afaan keetiin nutti dubbatuu dandeessa.

Sababootni beekamoon kan namootni wallaansa dirqamaa fudhatuu yaaddoo qabaataniif, warra si wallaanaa jiran diduu akka hin dandeenye yoo sitti dhagahama tahe, ykn yoo didde dirqamaan wallaansa siif kennina jedhanii yoo sitti dubbatan tahee dha.

IMHA akkamiin akka si gargaaru

Si gargaaruu dandeenya akka ati:

Nama afaan siif hiiku siif qindeessina, afaan keetiin nutti dubbatuu dandeessa. Akkasumas Tajaajila Afaan Hiikkaa fi Jijjiirraa (Translating and Interpreting Service) 131 450 irratti bilbiltee akka gara keenyatti si dabarsan gaafatuu dandeessa.

IMHA dhimma fayyaa mataa fi nagahooma kee ilaalchisee hayyama keetiin bakka si bu’ee yaada kee ibsuu danda’a.

IMHA kan siif falmu:

  • kara ati naaf wayya jedhteen siif falma
  • hayyama kee malee tarkaanfii hin fudhatu
  • yoo umriin kee waggaa 16 ol taate waan fedhii kee ti jedhamee kan namni biroon murteesseen hin gaggeessamu. Yoo umriin kee waggaa 15 fi sanaa gadi tahe IMHA yaada kee ni ibsa, fedhiin kee akka siif eegamuuf maatii, kunuunsitoota (carers) fi gargaartota kee waliin hojjeta.

Akka nuti si hin qunnamne nutti himuuf

Odeeffannoo waa’ee ibsu yoo nuuf kennite akkasiin nutis adda baafannee:

  • si qunnamuu hin yaallu, akkasumas
  • odeeffannoo waa’ee wallaansa dirqamaa kee of biraa qabnu ni haqna (delete).

Odeeffannoon ati nuuf kennitu hojjetoota keenyaan qabamee eegama. Odeeffannoo matayaa (personal) fi dhimma dhuunfaa (privacy) akkaataa nuti itti eegnu caalaatti bari.

Akka nuti si hin quunamne nutti himuuf:

Korboo (form) kana erguuf hojjetaa ykn nama si gargaaru gaafadhu.

Yeroo wallaansa dirqamaan fudhatuu jalqabdu yoo yaada kee jijjiirtee IMHA qunnamuu barbaadde:

IMHA yoom quba qabaachisama?

IMHA kan quba qabaachisamu yoo ati:

  • ajaja wallaansa kan yeroo, ykn ajaja wallaansaa, kan qorannoo (forensic) ykn nageenyaa (security) jala jiraatte
  • qunnamtiin ati kaan waliin qabaattu yoo daandgeeffame (restricted) tahe
  • ajajni wallaansa kan yeroo, ykn ajaja wallaansaa kan ati mana yaalaa fi manatti argattu ykn manaa fi mana yaalaatti argattu adda adda yoo taheef
  • ajajni wallaansa kan yeroo, ykn ajaja wallaansaa kee yoo dhorkame ykn haqame (cancelled) tahe
  • Baallamni Himannaa Dhadacha Fayyaa Mataa (Mental Health Tribunal) siif qabamee jira yoo tahe
  • yoo qoqqobbii akkaan jabaa (restrictive intervention) si irra gahaa jira tahe, kan akka namatti akka hin dabalamne eegamuu, ykn qaamaan (physically) ykn keemikaalaan (chemically) hidhamuu si irra gahaa jira yoo tahe
  • yoo ajajni bakki ati tajaajila fayyaa mataa argattu kan bakka birootti si dabarsan waliin gara garummaa qaba tahe.

Yoo ati dhukubsataa tika jala jiruu taate, IMHA kan quba qabaachisamu yoo:

  • ati tajaajila fayyaa mataa argataa jirta tahe, ykn bakka birootti kan si dabarsan tahe
  • mana hidhaatti kan si deebisan yoo tahe.

Yoo ati dhukkubsataa qorannoo (a forensic patient) taate, IMHA kan beeksifamu yoo:

  • ati bakka tajaajila fayyaa mataa kan birootti dabarsamte, kunis yoo Gurmuun Bobbaasa Qorannoo (Forensic Leave Panel) raggaasise (approves) ykn qaama seeraa aboo itti qabu malee yoo dabarsamte
  • wallaanaan mataa kee (psychiatrist) ykn Itti-mataan wallansa mataa (Chief psychiatrist) akka ati bakka tajaajila fayyaa mataa argattu kan birootti dabartuuf qajeelche
  • Kunuunis qorannoo (forensicare) kan hojii irra oolu yeroo Dhadachi Fayyaa Mataa (Mental Health Tribunal) ajaja itti siqeenyaan hordofamu kennuu fi yoom akka ajajni kun raawatamu murteessee dha.

Waraqaa odeessaa IMHA (korboo – form) ergame buusadhu

Waraqaa odeessaa IMHA (korboo – form ergame)

Postkaardii IMHA buusadhu

Postkardii IMHA  <Afaan Oromo>

IMHA akkamiin akka qunnamtuu fi caalaatti baruuf

  • Kanaan imeelii ergi contact@imha.vic.gov.au
  • Toora bilbilaa IMHA 1300 947 820, bilbili hojjetootni IMHA (guyyaa ayyaanaa – public holidays) irraa kan hafe ganama sa’aa 9.30 gn (9.30 am) – galgala sa’aa 4.30 wb (4.30 pm) ni jiran. Afaan keetiin nutti dubbatuu dandeessa.
  • Mirga kee bifa waraabbiidhaan jiru dhaggeeffatuuf toora bilbilaa mirgaa IMHA 1800 959 353 tirratti bilbili.
  • Akka itti nu qunnamtu bari.
  • IMHA qunnamuu akka si gargaaraniif tajaajila fayyaa mataa, kunuunsota kee ykn namoota kan biroo si gargaaran gaafadhu.
  • Yoo waa’ee IMHA ilaalchisee yaada kennuu barbaadde ykn komii yoo qabaatte, nu qunnami. Waa’ee akkaataa itti komee fi yaada kennuu dandeessu caalaatti bari.

More information

Know your rights, have your say – webpage translation – English
Word 238.3 KB
(opens in a new window)

Updated